Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Shawaa Bahaa Ona Aqaaqii keessatti akeekni Wayyaanee OPDOn gaggeefamu sabbontota Oromoo ogeeyyota fayyaa fi qonnaa tahan biratti fashale.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 14,2009) Odeessi nu dhaqqabe akka ifa godhutti, ogeeyyonni fayyaa fi qonnaa Godina Shawaa Bahaa Ona Aqaaqii keessatti argaman ergamtoonni diinaa miseensa isaanii taasifachuuf yaalii godhan harkatti fashalsan.

Ogeeyyonni fayyaa fi qonnaa marii ergamtootaa irratti argaman nu dhaaba cubbamaa fi ergaa diinaa raawwatu OPDOf miseensa hin taanu, kaayyoon keenyas ogummaa qabnuun ummata keenya haqaan taajiluu dha jechuun mormii qaban dhageessisan. Akeeka ergamtoota wayyaanee kanas fudhatama dhabsiisanii jiru.

Ergamtoonni diinaa ogeeyyonni fayyaa fi qonnaa irratti fincilan kanneen filannoo 2010nii kan mo’atu nuyi waan ta’eef, kan miseensa keenya hin taane jiraachuu hin dandahu jechuun saalfii tokko malee itti dhaadachuu isaanii odeessi kun ifa godha.

Kana malees, bulchaa Onaa kan tahe lukkeen diinaa Dabalee Qaabatoo je’amu erga isin miseensa keenya tahuu diddanii akka isin goonu ni beeyna jechuun namoota doorsisuuf akka yaales ibsameera.

Gochi lukkeelee diinaa ogeeyyota fayyaa fi qonnaa Ona Aqaaqii daran dheekkamsiisuun, kun eenyummaa keessan kan mirkaneessu malee ejjennoo teenya irraa if duuba kan nu deebisu miti jechuun walgahii ergamtootaa dhiitanii akka bahan beekuun dandahamee jira.

******* 

 

Godina Harargee Bahaa Onoota gara garaa keessatti sirni wayyaanee ilmaan Oromoo dirqee leenjii loltummaaf qaadhimataa akka jiru gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 14,2009) Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa Onoota akka Burqaa, Baddannoo, Gurawwaa, Kurfaa Callee fi Mayyuu keessaa namoota 200 humnaa fi gowwoomsaan walitti qabee mooraa leenjitti naquuf sossoohaa akka jiru gabaasaan maddeen keenyaa ni hubachiisa.

Ergamtoonni diinaa abbooti garaa tahan, maallqaa fi waan fidhii teessanii isiniif guunna jechuun dharaan ilmaan Oromoo waraana wayyaaneef hiriirsanii dhumaatii biraa irraan ga’uuf ololaa jiran.  

Dabballoonni diinaa ummata keessa bobbaafamuun olola leenjii loltummaa hafarsaa jiran kanneen, mormiin ummataa isaan mudachaa kan jiru hoggaa tahu, dargaggoonni Oromoo mooraa diinaatti akka hin galles ummanni dhaamsa dabarsaafii jira.

Ilmaan Oromoo leenjii loltummaa fudhatanis du’a seenaa hin qabne diinaaf du’uu osoo hin taane wayyaanota ummata Oromoo gabroomsaa jiranitti qawwee isaanii akka deeffatan sabboontonni Oromoo dhaamsa lammummaa dabraniifii jiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net